Submitted by Manager on Mon, 07/04/2022 - 11:48
Maxxansa Piroosiidiingii Daarektoreetii Qorannoo afur ( Daarektoreetii Qorannoo Midhaanii, Beeyladaa, Hawaas- dinagdee fi Ekisteenshinii qonnaa) link armaan gadii kanarraa argattu
Submitted by Manager on Thu, 06/09/2022 - 17:02
Submitted by Manager on Mon, 04/11/2022 - 13:33
Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaa godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti sanyii qamadii jallisii boneetiin baay'isaa jira
Hojii geggeessaan Giddugaleessa Qorannoo Qonna Sinaanaa, Obbo Taammanee Miidhaksaa hojii qonnaa tibba roobaa qofa deeggaraa turre, gara jallisii boneettis fooyyessuun qonnaan bultoota gargaaraa jirra jedhan.
Kanaanis, eeggatummaa roobaa jijjiiruun,Aadaan hojii hawaasaa akka fooyya'uuf goone jirra jedhan.
Submitted by Manager on Fri, 12/17/2021 - 15:36
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutti qorannoo qaama biqilaarraa biqiltuu gosa adda addaa qaama biqiltuurraa baay'isuurratti hojjetamaa jiru Jila Pir. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa durfamuun daawwatame.
Giddugaleessi kun waggoota lamaan darbanirraa eegalee biqiltuuwwan dhukkuba dandamachuu danda'an: Muuzii gosa sadii, buna gosa afur, anaanaasii, camcamee fi moosee qaama mukaarraa ogeessota qorannoo giddugaleessichaatiin baay'achaa jiru daawwachuun jajjabeessanii jiru.
Submitted by Manager on Fri, 12/17/2021 - 15:30
Hojii misooma qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun Midhaan nyaataatiin of danda'uun Dhiibbaa biyya alaarraa dhufu dandamachuuf hojiin Boonsaan hojjetamaa jira. Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa PMNO.
Jilli Obbo Shimallis Abdiisaa PMNOtiin durfamu hojii misooma qamadii Bonaan gaggeeffamaa jiru G/Sh/Bahaatti argamuun daawwatan.
Qamadii jallisii marsaa jalqabaan lafa hektaara kuma 350 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 260 qophaa'uun kana keessaa hanga ammaatti kuma 153 faca'uu Obbo Abarraa Worquu Hog. BQO ibsaniiru.
Submitted by Manager on Fri, 11/26/2021 - 14:05
AGP-II proceedings since 2009 are available here
Submitted by Manager on Wed, 10/20/2021 - 12:33
OBN Onkoloolessa 7,2014-Hojii nuti midhaan Nyaataan akka of dandeenyuuf hojjechaa jirrukeessatti deeggarsi Qorannoon Qonnaa Fadis nuuf taasisaa jiru olaanaadhaa jedhan jiraattoonni Aanaa Mi'essoo.
Submitted by Manager on Tue, 09/07/2021 - 09:43
Biyya Dinagdeen of Dandeesse Ijaaruu Keessatti Qoodni Qorannoo Qonnaa Olaanaadha.
Biyya dinagdeen of dandeessee ijaaruufi badhaadhina fiduuf gaheen qorannoo qonnaa daraan olaanaadha. Kanuma mirkaneessuuf Giddugaleessonni qorannoo qonnaa IQQO hundi bonaafi ganna dhama’aa jiru. Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beddellees hojii omisha Gannaa kanaan oyruu qotee bulaa fi buufata qorannoo irratti yaaliiwwan geggeessaa jiruun milkii gaariirra jira.
Submitted by Manager on Thu, 09/02/2021 - 14:29
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Machaaraa Hojii Omisha Gannaatiin haala Abdachiisaarra Jira
Giddugaleessi Qorannoo Qonna Machaaraa hojii omisha gannaa bara kanaatiin milkii gaariirra jira. Giddugaleessichi qorannoowwan adda addaa geggeessuun teknoolojii fooyya’aa dhiyeessee jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa jijjiiruu keessatti qooda olaanaa qaba.
Submitted by Manager on Fri, 08/27/2021 - 13:40
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Booree hojiilee Qorannoon Milkaa’aa Jira.
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Booree hojii omisha Gannaa bara kana geggeessaa jiruun milkaa’aa kan jiru yoo ta’u; akkasumas; teknoolojii ammayyaa’e kan jiruufi jireenya qotee /horsiisee bulaa jijjiiruu danda’an hedduu baasuu, madaksuufi raabsuun qooda isaa bahaa tureera.
Haaluma kanaan bara kanas teknoolojiiwwan adda addaa dhiyeessuun oyruu qotee/horsiisee bulaa fi buufata qorannoo irratti yaaliiwwan geggeessaa jiruun haala abdachiisaa ta’erra jira.