Misooma Kanniisaa Ammayyeessuuf Qorannoon Geggeeffamaa Jiru Abdachiisaadha

**********************

Misoomni Kanniisaa biyya keenyaa mala aadaatiin geggeeffama akka jiru ni beekama. Haata'u malee Giddugaleessi Qorannoo Kanniisa Hoolataa rakkoo kana furuuf Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti qorannoo geggeessaa jiruun Gaagura Ammayyaa agarsiisaa fi babal’isaa deeggarsa ogummaas qonnaan bultootaa fi namoota gurmaa'anii Kanniisa horsiisaniif kennaa jira.