Daawwannaan Dirree Geggeeffame

*****************

Giddugaleessi Qorannoo Qonna Beddellee hojii yaaliiwwan qorannoo gara garaa rakkoo qonnaan bulaa furuu danda'an 104 fi baay'isa sanyiiwwan Midhaanii gosa 13 fi akaakuuwwan Midhaanii 30 lafa heektara 35 ta'u irratti baay'isaa jira.

Giddugaleessichi teknoolojiiwwan madakfamanii mirkanaa'an (Boqqoolloo BH-547, Xaafii (Dursii fi Quncoo) kilaastaraan oyruu qonnaan bultootaa lafa hektaara 67 ol ta'u irratti deeggarsa piroojektii Sagantaa Cimsa Sirna Nyaataa (FSRP)n hojjetamaa jiru.

Haaluma kanaan hojiileen hojjatamaa turan bakka hoggantootni, hojjettootni Giddugaleessaa, qonnaan bultootaa fi Qooda fudhattootni argamanitti Fulbaana 25/2016 daawwachiiseera.