Teknoolojiin Gagaa Calalu Kalaqame

**********

Giddugaleessi Qorannoo Kanniisa Hoolataa dhiyeessii teknoolojii Kanniisaa irratti qorannoo geggeessuun misooma kanniisaa ammayyeessuu keessatti gahee irraa eegamu bahachaa jira. Giddugaleessichi dhiyeessiin gagaa horsiistota kanniisaa biratti rakkoo ta'uu isaa hubachuun teknoolojii gagaa calalu kalaqeera.

Haaluma kanaan rakkoo kana furuuf teknoolojii “Steam Beeswax Extractor” gagaa calaluuf gargaru kalaquun hojiitti galcheera. Teknoolojiin kunis Gagaa caccabe baksuun calaluuf kan gargaru yoo ta’u; qisaasama maloota kanaan dura ittiin hajjatamaa turan kan fooyyeessuu dha.