Hanqina Nyaata Kanniisaa Furuuf Biqiltuun Baay'ataa Jira

**************

Biyyaa keenya keessatti rakkooleen hanqina nyaata Kanniisaa yeroo yerootti hammachaa akka jiru beekamaa dha. Karaa birootiin mootummaan biyya keenyaa uwwisa bosona biyyattii fooyyessuuf sochii Ashaaraa Magariisaa jedhuun hojjechaa akka jirus ni beekama.

Haaluma kanaan Giddugaleessi Qorannoo Kanniisa Hoolataa biqiltuuwwan faayidaa adda addaaf oolan kanneen akka Bunaa, Avokaadoo, Appilii kan nyaata namaa fi kanniisaatiif oolan baay’isuun milkaa'ina Ashaaraa Magariisaatiif qooda isaa bahachaa jira.