Misooma Qurxummii Hara Dambal fooyyessuuf Hojjetamaa Jira

*****************                                                

Giddugaleessi Qorannoo Qurxummii fi Lubbu-qabeeyyii Bishaan Keessaa Biroo Baatuu omishaa fi Omishtummaa Qurxummii dabaluuf qorannoo adda addaa Naannoo Oromiyaa keessatti geggeessaa jira. Haaluma kanaan Haroo Dambal irrattis qorannoo qurxummii fi lubbbu-qabeeyyii bishaan keessaa biroo irratti geggeeffamaa tureen jijjiiramni olaanaan argameera.

Harri Dambal omisha Qurxummii sanyii Qorosoo (Nile Tilapia, Oreochromis niloticus) jedhamuun beekama. Haata’u malee, omishni qurxummii akka waliigalaatti; keessumattuu kan sanyii qurxummii ‘Qorosoo’ jedhamu daraan hir’achaa dhufeera. Kanaafis, sababootni hedduun akka jiranii fi sana keessaa yeroo dheeraadhaaf (Waggoota torbaatama oliif) qurxummiin gurguddaan qofti adamsamanii waan qabamaniif (genetic erosion), kan Hara keessatti hafee walhoraa ture sanyii qaqal’aa (inferior quality among the natural genetic diversity) ta’uun beekamee jira.

Rakkoo kana furuuf Giddugaleessichi sanyii qurxummii ‘Qorosoo’ fooyya’aa baay’isuun Hara Danbalitti galchuuf hojii waggaa shanii karoorfatee keessa marsaa duraa kallattii sadiin (Abboosa, Baatuu, fi Abbayyii)tiin Cuucii qurxummii, qurxummii dhalaafi kormaa galchuuun jalqabamee jira.  Marsaa jalqabaatiin      qurxummii kuma soddoma (30,000) kan galu yoo ta’u; hanga Fulbaana 30/2016tti ilmaan qurxummii dhibba tokkoo fi shantamNI (150) kan galu ta’a. Walumaagalatti, waggaa lamaan booda Omishaafi Omishtummaa qurxummii Hara Danbal  daraan kan dabaalu ta’a.