Misooma Jallisii Teknoolojiin Deeggaruuf Hojjatamaa Jira

****************************

Giddugaleessi Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Baakkoo teknoolojii misooma jallisiif oolu yaalii Boqqoolloorratti taasiseen kan milkaa’e yoo ta’u; haaluma kanaan teknoolojiin kun misooma qamadii boneetiifis kan oolu ta’uu mirkaneeffateera. Akkasumas; teknoolojiin kun bifa salphaa ta’een bakkaa bakkatti sochoosuun lafa heektara bal’aa jallisiin misoomsuun ni danda’ama.

Teknoolojiin kun bishaan qusachuun hanga biqilaaf barbaachisu waan obaasuuf qisaasama bishaanii to’achuu irratti shoora olaanaa qaba. Teknoolojii kana milkeessuufis yaaliin geggeeffamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jira.