Teknoolojiin Qisaasama Bishaanii To'atu Kalaqame

***************

Teknoolojiin Jallisii qisaasama Bishaanii to’atu, humnaafi yeroo Qonnaan bultoota qusatu Giddugaleessa Qorannoo Maandisummaa Qonnaa Baakkootiin kalaqameera. Qorannoo kanas yaalii jallisii Boqqoolloo irratti godhameen qisaasama bishaanii kan qonnaan bulaan fayyadamuun wal bira qabnee yoo ilaallu dachaa oliin kan qisaasama bishaanii hir’isu dha.

 

Rakkoo ijoon oyruu qonnaan bulaa irratti mul ‘atu hamma bishaanii tokkoon tokkoo bo’ii jallisii seenu yeroo wal fakkaatu keessatti to’achuu dadhabuu dha. Rakkoo kana furuuf giddugaleessichi qorannoo Boqqoolloo irratti geggeessaa tureen teknoolojii “Gated Pipe Furrow Irrigation System’’ jedhamu hojjateera. Teknoolojiin hojjetames, qisaasama bishaanii to’achuu, humnaafi yeroo qonnaan bultoota qusachuu, akkasumas; bakkaa bakkatti salphaatti socho’uu kan danda’udha. Dabalataanis, omishaa fi omishtummaa dabaluu keessatti qooda olaanaa qaba.