Sanyiin Gibxoo Mi'aawaa (Sweet lupin) Baay'ataa Jira ********************* Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Beeddelleen sanyiin Gibxoo mi'aawaa baay'ifamaa jira. Gibxoo mi'aawaan (walala variety) kunis dhangaggaa'ummaa biyyee kan dandamatu, akkasumas; fayyummaa biyyeef baay'ee murteessaadha. Gibxoo mi'aawaan faayidaa garagaraaf kan oolu yoo ta'u; nyaata Pirootiniin badhaadhe Shiroo, Daabboo, Keekii, Shuummoo, akaawwii fi kkf hojjachuun nyaachuun ni danda'ama. Dabalataanis omisha Ataraa bakka bu'uun lafa dhangaggaa'ummaa biyyeen miidhame dandamachuun omisha kan kennudha.