Qonna Makaanaayzeshinin Deeggarametu Jijjiirama Bu'uuraa Fida
***********
Giddugaleessi Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Jimmaa teknoolojiiwwan gara garaa kan humnaa fi yeroo qusatu omishuun fayyadamtoota biraan gahaa jira. Teknoolojiiwwan kalaqamanii qonnaan bultootni itti fayyadamaa jiran keessaa maashiniin Qamadii calleessu (Wheat thresher) isa tokko. Maashiniin kunis giddugaleessichaan kalaqamee fayyadamtoota bira gahuun jiruufi jireenyi isaanii akka jijjiiramu taasiseera.
Haaluma kanaan giddugaleessichi godinaalee Jimmaa fi Buunnoo Beddelleetti qonnaan bultootaaf deeggarsa taasiseen omishni isaanii yeroon dhahamee gumbiitti akka galu taasifameera.