Omishaa fi Omishtummaa Dabaluu Kan Dandeenyu Qotee/horsiisee Bulaa Teknoolojiin yoo Deeggarre Qofa

****************

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Baakkoo qorannoo gama hedduun geggeessuun jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa naannoo keenyaa jijjiiruu keessatti qooda olaanaa qaba.

Haaluma kanaan bara kanas oyruu qonnaan bulaa irratti Saliixaa fi Aatoo Boonsituu baay'isuun qonnaan bultoota aanaa Diggaa, Cawwaaqaa, Guutoo Giddaa fi Waayyuu Tuqaa fayyadamoo taasisaa jira.