Hanqina Roobaa Mudate Dandamachuun Hojii Hojjatameen Yaaliiwwan Qorannoo Baraaruun Danda'ameera

****************

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Machaaraa omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf teknooloojiiwwan haaraa bahanii fi madaqan oyiruu Qonnaan bulaa irratti agarsiisuu fi babal`isuun hojii hojjatamaa tureen bu'aan gaariin argameera. Bara omishaa 2015/2016 tti teknoolojiiwwan adda addaa Godina Hararghe Lixaa aanaa adda addaa keessatti hojii agarsiisaa fi babal`isaa hojjechaa jira. Hojiiwwan hojjatamaa jiranis sanyi Loozii 'Milkaaye' jedhamu omishaafi omishtummaa gaarii qabu bara kana aanaa Bookee keessatti babal`isaa kan jiru yoo ta'u; dabalataanis nyaata loonii gosa Sinaaraa 'Bareeda' jedhamu aanaa sadii; Gammachiis,Ciroo fi Xuullootti hojiin babal`isuu hojjetamaa jira.

Akka waliigalaatti garee babal`ina Qonnaan bara kana agarsiisaa nyaata loonii Alfafa, Buna, muuza Affeelamuu (plantain banana), akkasumas; hojii babal`isa Maashoo, Saliixaa, loozii fi nyaata horii hojjechaa jira.