Gamaggamni yaaliiwwan wixinee qorannoo Guraandhala 9-14/2012 bakkeewwan sadii jechuunis Giddugaleessa Qorannoo Qonna Adaamii Tulluu, Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa fi Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu-qabeeyyii bishaan keessaa biroo Baatuutti geggeeffamaa ture milkiin goolabameera.
Gamaggama kanarratti waraqaalee qorannoo 723 akka waliigalaatti kan dhiyaatan yoo ta’u; haaluma kanaan Daarektara Qorannoo Midhaaniitiin waraqaa qorannoo 285; Daarektara Qorannoo Beeyladaatiin waraqaa qorannoo 70; Daarektara Qorannoo Qabeenya Uumamaatiin waraqaa qorannoo 214; Daaarektara Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaatiin waraqaa qorannoo 60; Daarektara Qorannoo Hawaas-dinagdeefi kisteenshinii qonnaatiin waraqaalee qorannoo 73; akkasumas, Daarektara Qorannoo Saayinsii Nyaataatiin waraqaa qorannoo 21 dhiyaachuun gamaggamamaa turaniiru.
Dhumarrattis, hanqinaaleen mul’atan gara fuula duraatti akka sirreeffamaniif kallattiin kennamuun, akkasumas; ciminootni jiran akka itti fufan irratti mariyatamuun sagantichi goolabameera.