Leenjiin Dandeettii Qorattoota Jalqabaa Cimsu kan marsaa duraa IQQOtti Kennamaa Jira

Leenjiin dandeettii qorattoota jalqabaa cimsuufi hojii qorannoo isaanii karaa saayinsawaa ta’een deeggaramee bu’aa qabeessaa akka ta’u kan gargaaru leenjiin mata duree ‘proposal writing, experimental design for field of experiment and analysis of experimental data using, R and scientific paper writing’ jedhu irratti guyyoota shaniif qorattoota giddugaleessota qorannoo sagal irraa walitti bobba’an kan baay’inni isaanii 46 ta’uuf galma IQQOtti leenjiin kennamaafii jira.

 

Godina Booranaatti Horsiisee Bultootni Godinichaa Teknoolojii Qonnaa Irraa Fayyadamoo Ta’uu Isaanii Himan

Horsiisee bultootni godina Booranaa teknoolojii giddugaleessa Horattootaafi Qonna Gammoojjii Yaa’abal’ootiin teknoolojiiwwan bahaniin fayyadamoo ta’uu isaanii OBN tti himan. Teknolojiiwwan fooyya’oo Hoolaa fi Re’ee haala qilleensaa gammoojjii dandamatanii bu’aa gaarii kennuu danda’an giddugaleessaarraa fudhachuun fayyadamaa akka jiran dubbatan.

Leenjiin dhimma siivil sarviisii fi meeshaalee riformii qidaa’aa irratti guyyaa 20/02/2010 hanga 23/02/2010 Magalaa Baatuutti gaggeeffame

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa dhimma siivil sarviisii fi meeshaalee riformii qidaa’aa irratti qopheessee miseensota maanajimantii Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa 17 fi IQQO irraa waamamaniif leenjii guyyaa 4 kenneera.

Leenjii kana irratti mata dureewwan JBAH, SMBKT, Falaasama Kaayizanii fi Chaartarii lammilee ilaalchisee ogeeyyota Biiroo paablik sarviisii fi misooma Namaa fi IQQO irraa dhufaniin kennameera.

Giddugaleessa Qorannoo Qonna Baakkootti Guyyaan Daawwannaa Dirree Taasifame

Giddugaleessi qorannoo qonna Baakkoo giddugaleessota Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaan bulan keessaa isa tokko. Giddugaleessi kun hundeeffama isaarraa kaasee hanga har’aatti teknoolojiiwwan adda addaa baasuufi madaksuun akka Lixa Oromiyaatti jiruufi jireenya hawaasa hedduu jijjiiraa tureera. Haaluma kanaan har’as hojiilee qorannoo hojjataa tureen teknolojiiwwan bahanii qonnaan bulaa bira gahan oyruu qonnaan bulaafi buufata qorannoo irratti daawwatamanii jiru.