Sadaasa 14-15/2010tti ‘Woorkishooppiin Xiinxala Hudhaalee Omisha Qonnaa Naannoo Oromiyaa, Hararii fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa’ ykn ‘Agricultural Production Constraint Analysis Validation Workshop: The Case Of Oromia, Harari and Dire Dawa City Administration ‘ mata duree jedhuun guyyaa har’aa Sadaasa 14/2010 bakka qaamoleen qooda fudhattoota adda addaa, itti aantoota bulchiinsa godinaaleefi itti gaafatamaa waajjira qonnaafi qabeenya uumamaa, akkasumas; itti gaafatamtoota waajjira misooma qabeenya beeyladaafi qurxummii godinaalee Oromiyaa, pirezidantota yunivarsitii, hoggantoota naannoo fi qaamolee qorannoo Federaalaa argamanitti geggeeffamaa jira.  Woorkishooppiin kunis Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti sagantaa guddina qonnaa (AGP II) tiin  deeggaramuun hojiilee qonnaa naannoolee sadanii kana keessatti hudhaaleen omisha qonnaa maal akka ta’an irratti waraqaan qorannoo adda addaa dhiyaachuun irratti mariyatamaa jira. Woorkishooppii guyyaa jalqabaa irrattis hojiin teknoolojii qonnaa adda addaa agarsiisaaf dhiyaachuun daawwatamaniiru. Woorkishooppichas Inistiitiyuutichatti daarektara olaanaa kan ta’an Fatoo Ismoo (Dr) haasaa baniinsaa taasisuun saganticha jalqabsiisaniiru.

Dabalataanis, woorkishooppichi guyyaa boruus itti fufee kan ooluufi boruma xumura kan argatau ta’uus qindeessitoota sagantichaarraa hubachuun danda’ameera.