Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa dhimma siivil sarviisii fi meeshaalee riformii qidaa’aa irratti qopheessee miseensota maanajimantii Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa 17 fi IQQO irraa waamamaniif leenjii guyyaa 4 kenneera.

Leenjii kana irratti mata dureewwan JBAH, SMBKT, Falaasama Kaayizanii fi Chaartarii lammilee ilaalchisee ogeeyyota Biiroo paablik sarviisii fi misooma Namaa fi IQQO irraa dhufaniin kennameera.

Leenjii kenname kanaan leenjifamtootni hubannoo gaarii kan argame yemmuu ta’u; leenjifamtootni leenjii kan fudhatanii hojjattoota Giddugaleessotaa kan leenjisan ta’uusaa hubatameera.

Kanumaan walqabatee Inistitiyuutichi Teknoolojii Qonnaa mijaataa ta’e Qotee Bulaa, Horsiisee Bulaa akkasumas fayyadamtoota biroo fi qooda fudhattoota dabalatee  dhiyeessiin isaa haala barbadamuun akkaataa itti dhiyaatu fi teeknolojiwwaan kana argachuuf immoo itti fayyadamtonnii haal-dureewwan guuttachuu qaban kan of keessatti hammate sanadni Chartarii lammiilee walbeeksisee labsateera.

Haaluma kanaan, hojii geggeessitootni G/galeessota Qorannoo Qonnaa 17 Oromiyaa keessatti argamanii fi  Daarektarri olaanaa Inistitiyuutiichaa Dr Fatoo Ismoo hirmaattoota leenjichaa fulduraa bahuun kaayyoo chaartaricha gara hojiitti jijjiiruuf waadaa seenaniiru.