Giddugaleessi Qorannoo Biyyee Naqamtee Aanaa Waayyuu Tuqaatti Sanyii Qamadii Baay'isaa jira

***********************************

Giddugaleessi Qorannoo Biyyee Naqamtee godina Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaatti lafa heektara 50 irratti sanyii qamadii jallisiin baay'isaa jira. Dabalataanis, sanyii qamadii gosa kudha shan irratti hojiin madaksuus hojjatamaa jira.