Deeggarsa Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II) Hojiin Omisha Sanyii Qamadii Baay’ifamaa Ture Daawwatame

****************

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluutiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Ganda Qonnaan Bulaa Giraabaa Qorkee Adiitti omishni Qamadii deeggarsa AGP-IIn lafa heektara 40 irratti sanyiin qamadii Qaqqabaa fi ‘King bird’ jedhamaan baay’ifamaa turan bakka qonnaan bulaa, qooda fudhattoota fi qaamolee dhimmichi ilaallatu argamanitti Onkoloolessa 12/2015 daawwatameera. Akkasumas, deeggarsa Itiyoo-Itaaliin sanyiin qamadii lafa heektara 10 irratti omishamaa tures daawwatameera.

Sagantaa daawwannaa kanarratti argamuun haasawaa kan taasisan Dr. Lammaa Abarraa Ittanaa Daarektara Olaanaa Hoggansaafi Ijaarsa Dandeettii akka jedhanitti imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti shoorri giddugaleessonni qorannoo bahaa jiran daraan olaanaa waan ta’eef ciminaan hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru.

Dhumarrattis, hirmaattotaan yaadniifi gaaffileen adda addaa ka’uun mariin geggeeffameera.