Gamaggamni piroojektoota qorannoon isaanii xumuraman AGP-IIn deeggaramee hojjatamaa ture IQQOtti geggeeffamaa jira. Sagantichas haasaa baga nagaan dhuftanii Ittaanaa Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa kan ta’an Dr. Asaffaa Taa’aatiin kan jalqabame yoo ta’u; dabalataanis, Qindeessaa Guddina Qonnaa (AGP-II) kan ta’an Dr. Daanyaachoo Lulees ibsa waliigalaa kennuun gamaggamichi jalqabameera.

Sagantaan kunis Waxabajjii 20-21/2011 tti guyyoota lamaaf kan geggeeffamu ta’a.