
Mala Tishuu Kaalchariin Biqiltuun Muuzii Baay'ifamee Qonnaan Bultootaaf Raabsame Oyruu irratti Milkaa'eera
****************
Inisheetivii Muuzii milkeessuuf Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu biqila Muuzii mala tishuu kaalchariin baay'isaa ture Sadaasa, 2015 qonnaan bultootaaf raabseera. Haaluma kanaan biqila muuzii 73,000 ta'u qonnaan bultootaaf kan raabsame yoo ta'u; dhaabatee ji'a jahatti sadarkaa kanarraa gaheera.
Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti waldaan ijaaramanii biqila Muuzii kana giddugaleessicharraa fudhachuun kan baay'isaa jiran yeroo gabaabaa keessatti kan guddatuu fi dhukkubaan kan hin miidhamne waan ta'eef omisha olaanaa akka isaaniif kennu abdiin eegaa jiraachuu Miidiyaaf ibsaniiru.