
Saliixni Jallisiin Omishamu Callaa Argamaa Turerraa Dachaa Sadiin Dabaluu Qorannoon Mirkanaa'e
********
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Baakkoo sanyii saliixaa biyya keessa jiran baay'isaa; sanyii haaraa biyya Chaayinaatii fiduun jallisiin hojii madaqsaa hojjachaa jira. Haaluma kanaan qorannoo waggaa lamaan darban geggeeffamaa tureen saliixni waqtii bonaa jallisiin omishamu omisha dachaa sadiin dabaluu akka danda'u qorannoon mirka'eera.
Waqtii gannaa omishni saliixaa heektara tokkorraa kuntaala 6-8 kan hin caalle yoo ta'u; jallisiin garuu heektararraa kuntaala 18-20tti argamuu danda'eera.
Bu'aan qorannoo kunis kan mirkaneessu omisha midhaan dibataa dachaan dabaluun hanqina zayita nyaataa kan furu, akkasumas; qulqullina kan dabaluudha. Bonaafi ganna cichanii qorannoo geggeessuun teknoolojii jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa jijjiiruu danda'an dhiyeessuuf hojiin hojjatamaa jiru cimee itti fufeera.