Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Baakkoo Qamadii Jallisiin Omishaa ture Gamaggamsiise

***********

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Baakkoo godina Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaatti qamadii jallisiin omishaa ture gamaggamsiise. Giddugaleessichi rakkoo keessatti rakkoo furuuf halkanii guyyaa qorannoo geggeessaa jiruun jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu keessatti qoodni qabu daraan olaanaadha.

Haaluma kanaan bara kanas qamadii jallisiin omishaa ture Abbaa Taayitaa To'annoo Galteewwan Qonnaa damee Naqamteetiin gamaggamsiiseera.