Teknoolojii Qonnaa Hunda Galeessa Qotee/Horsiisee Bulaaf Dhiyeessuun Badhaadhina Naannoo keenyaa ni Dhugoomsina
**************************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa waggoottan kurnan lamaan darbanitti qotee/horsiisee bulaa naannoo fi biyya keenyaaf teknoolojii qonnaa qorannoon argate biraan gahuun guddina qonna naannoo keenyaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa bahachaa tureera.
Haaluma kanaan yeroo ammaa kanas haala qilleensa adda addaa (Agro-ecology) keessatti giddugaleessota qorannoo kudha torbaan hojiin qorannoo cimee itti fufee jira. Qorannoo geggeeffamaa jiru kanaanis jijjiiramni qonna irratti mul'ataa jiru ragaadha.
Dabalaatanis hojiiwwan Inisheetiivii karoora Mootummaa keessatti qabaman milkeessuuf Inistiitiyuutichi kutannoon hojjachaa jira.