Teknoolojiin Bunaa Qorannoon Bahe Jiruufi Jireenya Omishtoota Bunaa Jijjiiruu Keessatti Qooda Olaanaa Qaba

********

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Machaaraan teknoolojiin Bunaa qorannoon bahe qonnaan bultoota biratti jijjiirama olaanaa fidaa jira. Qonnaan bultootni fayyadamoo teknoolojii kanaa ta'anis omishaafi omishtummaa bunaa dachaan dabaluufi gabaarrattillee buna dorgomaa ta'e dhiyeessuu keessatti shoora olaanaa kan qabudha.

Kana malees, giddugaleessichi omisha Kuduraa fi Muduraa irrattillee qorannoo geggeessuun teknoolojiiwwan hedduu hawaasa biraan gahaa jira.