
Qotee/Horsiisee Bulaa Teknoolojii Qonnaan Deeggaruuf Qorannoon Geggeeffamaa Jiru Cimee Itti Fufeera
************
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa giddugaleessota qorannoo kudha torba kan haala qilleensaa (Agro-ecology) adda addaa keessatti hundaa'anii qorannoo geggeessaa jiraniin jiruu fi jireenya qotee/horsiisee bulaa naannoo keenyaa jijjiiruuf teknoolojiiwwan qorannoon argate hedduu hawaasa biraan gahuun fayyadammoo taasisaa jira.
Haaluma kanaan Giddugaleessi Qorannoo Qonna Sinaanaas yaaliiwwan qorannoo bara kana geggeessaa jiruun teknoolojiiwwan Midhaanii gosa adda addaa babal'isaa jira. Teknoolojiiwwan kunnennis oyruu qonnaan bulaafi buufata qorannoo irratti babal'ifamaa kan jiru yoo ta'u; omishaafi omishtummaa qamadii dachaan dabaluu fi karoora al-ergii dhugoomsuu keessattillee shoora olaanaa qaba.