Biyya Dinagdeen of Dandeesse Ijaaruu Keessatti Qoodni Qorannoo Qonnaa Olaanaadha.

Biyya dinagdeen of dandeessee ijaaruufi badhaadhina fiduuf gaheen qorannoo qonnaa daraan olaanaadha. Kanuma mirkaneessuuf Giddugaleessonni qorannoo qonnaa IQQO hundi bonaafi ganna dhama’aa jiru. Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beddellees hojii omisha Gannaa kanaan oyruu qotee bulaa fi buufata qorannoo irratti yaaliiwwan geggeessaa jiruun milkii gaariirra jira.