.

Leenjiin Mata Duree ISO/IEC 17025:2017 Jedhamurratti Qorattoota Saayinsii Nyaataa fi Laaboraatoorii Giddugaleessotaa Irraa Dhufaniif Kennamaa Jira

******************************

Leenjiin xiinxala qulqullina laaboraatoorii sadarkaa Addunyaa eeggate qorattoota Saayinsii Nyaataa fi Laaboratoorii Giddugaleessotarraa qorattoota dhufaniif Fulbaana 30/2015 irraa eegalee kennamaa jira. Leenjichis dandeettii qorattootaa Saayinsii ammayyaa'een cimsuuf qooda olaanaa kan qabuufi hojii qorannoo Laaboraatoorii Saayinsii Nyaataan geggeeffamaa jiru daraan cimsuuf kan gargaarudha.

.

Qorannoon Qonna Irratti Geggeeffamu Jiruufi Jireenya Qonnaan/Horsiisee Bulaa Jijjiiruuf Kaayyeffatamee Hojjatamaa Jira

***************************************

Giddugaleessonni Qorannoo Qonnaa hundi qorannoon hojjataa jiran qotee/horsiisee bulaa naannoo Oromiyaa giddugaleessa godhachuun hojjatamaa jira. Kunis jiruufi jireenyi hawaasa qotee/horsiisee bulaa akka jijjiiramuuf kutannoon hojjatamaa jira.

.

Hanqina Sanyii Filatamaa Xaafii Mudatu Furuuf Qorannoon Geggeeffamaa Jiru Bu’a Qabeessa Ta’aa Jira

***********

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Beeddellee hanqina gama sanyii filatamaa mudataa jiru furuuf sanyii Midhaan gosa adda addaa baay’isaa jira.

Haaluma kanaan bara kanas sanyii filatamaa Xaafii Dursii, Korraa fi Quncoo jedhaman lafa hektaara 15 irratti baay’isaa jira.

.

Gosti Sanyii Bishingaa Sadii Hanqina Roobaa Dandamachuun Omisha Olaanaa Kennan Godina Harargee Lixaatti Agarsiisaaf Babal’ifamaa jiru

 

Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessootti Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Fadiis piroojektii Qindaawaa to'annoo aram-azab (Integrated striga control project) waliin ta’uun sanyii Bishingaa hanqina roobaa dandamachuun omishaa fi omishtummaan isaa olaanaa ta’e oyruu qonnaan bulaa lafa heektara 60 irratti babal’isaa jira.

.

Dhiyeessii Teknoolojii Qonnaa Dachaan Dabaluuf Kutannoon Hojjatamaa Jira

 

.

Omishaa fi Omishtummaa Midhaan Dheedhii fi Dibataa Dachaan Dabaluuf Qorannoon Geggeeffamu cimee itti fufeera

********************************************

Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Baakkootiin qorannoon dameewwan adda addaatiin geggeeffamaa jiru cimee itti fufeera. Haaluma kanaan giddugaleessichi qorannoo Beeyladaa, Midhaanii,Qabeenya Uumamaa fi kkf irratti qorannoo geggeessuun teknoolojii hedduu qonnaan bultoota biraan gahaa tureera.

.

Rakkoo Keessatti Rakkoo Furuuf Hojiin Qorannoo Geggeeffamu Abdachiisaadha

****************

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis godina Harargee Bahaa bakka hanqina roobaatiif saaxilamaa ta'e keessatti kutaannoon qorannoo geggeessaa jiruun milkaa'aa jira. Kunis bara kana rakkoo hanqina roobaa godinicha mudate jiru keessatti hojiin qorannoo osoo addaan hin citin teknoolojii Bishingaa fi Boqqoolloo hanqina roobaa dandamachuun omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa dabalaan dhiyeessuun hawaasa godichaa fayyadamoo taasisaa jira.

 

 

 

 

 

.

Mariin Omisha Qamadii Jallisii irratti Xiyyeeffatu Qooda Fudhattoota Waliin Geggeeffame

**************************************

.

Teknoolojii Qorannnoo Qonnaa Fayyadamtoota Biraan Gahuuf Gaheen Deeggartootaa/Arjoomtotaa Daraan Olaanaadha

***************************************

.

Qorannoo Geggeeffamuuf Eegumsiifi Kunuunsi Hojii Qorannoo Keessaa isa Ijoodha

******************