Teknoolojiiwwan Qonnaa Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Fadisiin bahan Hawaasa Qonnaan bultoota Godinichaa fayyadamaa taasisaa jiru

Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis godina Harargee Bahaa keessatti kan argamuufi qonnaan bultoota godinichaaf waggoota dheeraaf teknoolojii qonnaa qorannoon argaman dhiyeessaa tureera. Haaluma kanaan teknoolojii Midhaanii, Nyaata horii, Qabeenya Uumamaa fi teknolojii Mahaandisummaa qonnaa irratti hawaasa godinichaaf deeggarsa taasisaa tureera.

Gamaggamni Piroojektoota Qorannoon Isaanii Xumuramanii AGP-II n Deeggaramee Hojjatamaa ture Geggeeffamuu Eegale

Gamaggamni piroojektoota qorannoon isaanii xumuraman AGP-IIn deeggaramee hojjatamaa ture IQQOtti geggeeffamaa jira. Sagantichas haasaa baga nagaan dhuftanii Ittaanaa Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa kan ta’an Dr. Asaffaa Taa’aatiin kan jalqabame yoo ta’u; dabalataanis, Qindeessaa Guddina Qonnaa (AGP-II) kan ta’an Dr. Daanyaachoo Lulees ibsa waliigalaa kennuun gamaggamichi jalqabameera.

Leenjiin Ittisa Yakka Malaammaltummaa Koree Kaawunsiliif Kenname

Leenjiin ittisa yakka malaammaltummaa irratti xiyyeeffate koree kaawunsilii giddugaleessota 17(kudha torbaa) fi IQQO tiif Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu Qabeeyyii Biroo Bishaan keessaa Baatuutti guyyaa lamaaf kennameera. Leenjichis mata dureewwan gurguddoo sadiitti qoodamee kan kenname yoo ta’u; isaanis:-

Sirna Badhaasa Qonnaan Bultoota Adda Duree Marsaa 12ffaa Irratti Giddugaleessonni IQQO Badhaafaman

 

Sirna badhaasa qonnaan bultoota adda duree marsaa 12ffaaf Galma Abbaa Gadaatti geggeeffame irratti Giddugaleessonni Qorannoo Qonna Baakkoo, Sinaanaa, Adaamii Tulluu fi Giddugaleessi Mahaandisummaa Qonna Asallaa teknoolojii omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan burqisiisuun hojii boonsaa hojjataniin badhaasa beekamtii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname fudhataniiru.

Gamaggamni Hojii Qorannoo Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II)n Deeggaramee Geggeeffamaa ture Milkiin Goolabame

Gamaggamni hojiilee qorannoo deeggarsa AGP-II tiin hojjatamaa turan Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu qabeeyyii Biroo Bishaan Keessaa Baatuutti geggeeffamaa ture milkiin goolabame. Gamaggama kanarrattis waraqaalee qorannoo dhiyaatan haala jiruufi jireenya uummataa naannoo keenyaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa kan taphatan waan ta’eef itti fufiinsa akka hojjataman, akkasumas; hanqinoonni mul’atan akka fooyya’aniifi qorannooleen rakkoo qaban akka dhaabbatu yaadni irratti kennamuun kallattiin gara fuulduraa kaa’ameera.  

Gamaggamni Hojiilee Qorannoo Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II) Deeggaramu Geggeeffamaa Jira

Gamaggamni hojiilee qorannoo kan waggaa deeggarsa Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II)n deeggaramu Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu qabeeyyii biroo Bishaan Keessaa Baatuutti geggeeffamaa jira. Gamaggamni kunis ibsa waliigalaa Dr. Daanyaachoo Lulee Daarektara AGP-II IQQO kennaniin kan jalqabe yoo ta’u; haaluma duraa duuba sagantaan giddugaleessonnis hojii isaanii dhiyeessaa jiru.