Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Fadiis godina Harargee Bahaa keessatti kan argamuufi qonnaan bultoota godinichaaf waggoota dheeraaf teknoolojii qonnaa qorannoon argaman dhiyeessaa tureera. Haaluma kanaan teknoolojii Midhaanii, Nyaata horii, Qabeenya Uumamaa fi teknolojii Mahaandisummaa qonnaa irratti hawaasa godinichaaf deeggarsa taasisaa tureera.

Bara kanas teknoolojii foyya’aa Midhaan biilaa fi agadaa kan ta’an Boqqoolloo fi Bishingaa roobaa fi dhukkuba dandamachuun yeroo gabaabaa keessatti gahuu danda’an irraa qonnaan bultootni godina Harargee Bahaa fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan bulaa Aanaa Habroo Ob. Abdallaan waggaa sadiif teknoolojii sanyii Boqqoolloo fi Timaatimii lafa heektara lama irratti omishuun jiruufi jireenya isaanii jijjiirrachuu kan danda’an ta’uu dubbatu.

Ob. Muummee Aliyyii immoo jiraataa Aanaa Baabbilee Araddaa Ibaadaa kan ta’an sanyii Boqqoolloo hanqina roobaa dandamatee bu’aa gaarii kennuu danda’u, akkasumas; yeroo gabaabaa keessatti dafee gahu Giddugaleessa Qorannoo Qonna Fadiis irraa argataniin fayyadamaa jiraachuu fi jireenyi maatii isaanii jijjiiramuu himaniiru.

Bifuma walfakkaatuun dubartootni qonnaan bultoota Aanaa Baabbilee Araddaa Ifaaddiin A/de Rahanaa Aliyyii fi A/de Faaxumaa Adam waldaan gurmaa’anii sanyii Boqqoolloo lafa heektara 20 irratti omishaa kan jiranii fi gosti Boqqoolloo kunis rooba xiqqoon kan gahuu fi bu’aa gaarii kan kennu ta’uu isaa ibsaniiru. Akka aanichaattillee hanqinni roobaa kan jiruu fi waggaa keessatti yeroo muraasa qofaaf kan roobu waan ta’eef waggootaaf rakkachaa turreerra jedhan. Amma garuu erga sanyiin Boqqoolloo rooba yeroo lama/sadiin gahu giddugaleessa Qorannoo Qonna Fadis irraa argannee Midhaan nyaataan of danda’aa jirra jedhaniiru.    

Giddugaleessi Qorannoo Qonna Fadiis gosa Midhaanii keessaa Midhaan Biilaa fi Agadaa, Dheedhii fi Dibataa, akkasumas; Kuduraa fi Muduraa irratti qorannoo kan geggeessaa jiru yoo ta’u; Aanaa Fadiis Araddaa Bal’ina Arbaatti sanyii fooyya’aa Ocholonii bu’aa gaarii fi dhukkuba dandamatu qotee bulaa araddichaa kan ta’an Ob. Maraam Ahmadiif kennuun hordoffiifi deeggarsi barbaachisu taasifamaafii jira.  

 

Haaluma kanaan Giddugaleessi kun Aanaa Meettaa fi Qarsaattillee sanyii teknoolojii fooyya’aa Bishingaa dhukkuba dandamatuufi yeroo gabaabaa keessatti gahu qotee bultootaaf kennuun haala qotiisaa kaasee hanga mana galutti deeggarsaa taasisaafii kan jiran ta’u qonnaan bultootni Aanota kunneenii ni dubbatu.