Leenjiin ittisa yakka malaammaltummaa irratti xiyyeeffate koree kaawunsilii giddugaleessota 17(kudha torbaa) fi IQQO tiif Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu Qabeeyyii Biroo Bishaan keessaa Baatuutti guyyaa lamaaf kennameera. Leenjichis mata dureewwan gurguddoo sadiitti qoodamee kan kenname yoo ta’u; isaanis:-

  •   Naamusa Iddoo Hojii
  •  Naamusa Geggeessaa
  •  Karoora tarsimoo’aa qindaa’aa ittisa yakka malaammaltummaafi haala gurmaa’insaa  irratti leenjiin kennameera.

Leenjichis, Waxabajjii 1-2/2011 tti kan kenname yoo ta’u namoonni 85 ol ta’an irratti hirmaataniiru. Dabalataanis, leenjichi hojjattootaa Inistiitiyuutii fi giddugaleessota maraaf akka kennamuuf kallattiin kaa’ameera.