Leenjiin dandeettii qorattoota jalqabaa cimsuufi hojii qorannoo isaanii karaa saayinsawaa ta’een deeggaramee bu’aa qabeessaa akka ta’u kan gargaaru leenjiin mata duree ‘proposal writing, experimental design for field of experiment and analysis of experimental data using, R and scientific paper writing’ jedhu irratti guyyoota shaniif marsaa laman kan kenname yoo ta’u marsaan duraa Mudde 16/2010 hanga 20/2010tti qorattoota giddugaleessota qorannoo sagal irraa walitti bobba’an kan baay’inni isaanii 46 ta’uuf galma IQQOtti leenjiin kennamaafii yoo ta’u Leenjichiin marsaa 2ffaaf Amajjii 1/2010 hanga Amajjii 5/2010tti  guyyoota shaniif qorattoota giddugaleessota qorannoo leenjii marsaa duraa irratti hin hirmaanne irraa walitti bobba’an kan baay’inni isaanii 50 ta’uuf leenjiin kennamaafii jira.