Yeroo leenjiin kennamu

Leenjiin hubannoo cimsuu guyyaa lamaaf magaalaa Baatuutti geggeessitoota Ol'aanoofi abbootii adeemsaa InistiItiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatiif kenname jira. Leenjiin kunis yeroo ammaa kana balaa guddina biyya keenyaa kan ta’e malaammaltummaa hir’isuuf gumaacha taasifamu keessatti qaamni hawaasaa kamiyyuu hubannoo gahaa ta’e akka argatuufi malaammaltummaa irratti akka qabsaa’uu qabu hubannoo kennuuf leenjii kennameedha. Balaan malaammatummaa kun hawaasa naannoo keenyaas ta’ee dinagdee biyya keenyaa kan miidhuufi kan miidhaa tures waan ta’eef nama kamiyyuu biratti dhimma balaaleffatamuu qabu waan ta’eef geggeessitootni sadarkaa sadarkaan jiranis gumaacha isaanirraa eegamu bahachuu akka qabaniif yaadamee leenjichi kennamuu danda’eera.

 

Daarektara Ol'aanaa IQQO kan ta’an Dr. Fatoo Ismoo ergaa dabarsan keessatti malaammaltummaa irratti qabsaa’uun hojii qorannoo keenyaa galma aggamameef geessisuun gahee keenya yoo ta’u; hojiin qorannoo keenyaas malaammaltummaan xaxamee akka hin gufannee hadheeffannee malaammaltummaa irratti qabsaa’uun dirqama lammummaa bahuun daran barbaachisaa akka akka ta'e cimsanii eeranii jiru. Dabalataanis hojjettoonni qorannoo gaggeessanis ta’ee kan deeggarsaa sadarkaa sadarkaan jiran hundi harka wal qabatanii malaammaltummaa gufuu misooma keenyaa ta’erratti duuluun barbaachisaa akka ta'e dhaamanii jiru.