Inistiitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatiin gamaggamni raawwii kan bara 2010 fi karoorri bara hojii 2011 guyyaa lamaaf adeemsifame. Raawwiin daarektaroota qorannoofi adeemsaalee deeggarsaa kan bara 2010 keessatti raawwatamaa ture maal irra akka gaheefi maaltu akka hojjatame guyyaa lamaaf kan gamaggamame yoo ta’u; gamaggama kana irratti kan argaman daarektara olaanaa IQQO kan ta’an Dr. Fatoo Ismoo haasaa taasisaniin gara fuula duraatti daraan cimnee yoo hojjanne biyyaa fi naannoo keenya hiyyummaa keessaa baafnee gara jiruu fooyya’aatti dabarsuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Dhumarrattis, bara 2011 tti hojii hojjachuuf karoorfanne waltaanee cimnee hojjachuu akka qabnuu, akkasumas; haaluma karoorfanneen jabaannee hojjannee galma aggaammanne bira akka geenyu jechuun ergaa dabarsaniiru.