Gamaggamni hojiilee qorannoo kan waggaa deeggarsa Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II)n deeggaramu Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu qabeeyyii biroo Bishaan Keessaa Baatuutti geggeeffamaa jira. Gamaggamni kunis ibsa waliigalaa Dr. Daanyaachoo Lulee Daarektara AGP-II IQQO kennaniin kan jalqabe yoo ta’u; haaluma duraa duuba sagantaan giddugaleessonnis hojii isaanii dhiyeessaa jiru.

Sagantaa kanarrattis qorattoota, qaamolee dhimmi kun ilaallatuu fi ogeessota adda addaa dabalatee namoonni 300 ol ta’an irratti hirmaataa jiru.

Gamaggamichis guyyoota shaniif Guraandhala 11-15/2011tti kan geggeeffamu yoo ta’u; waraqaaleen qorannoo adda addaas kan dhiyaatan ta’a.