Bakkeewwan adda addaatti qoodamuun gamaggamni wixinee qorannoo geggeeffamaa ture milkiin goolabame. Gamaggama kana irrattis teknoolojiiwwan qorannoo jiruufi jireenya qotee/horsiisee bulaa naannoo keenyaa jijjiiruu danda’an wixinee gamaggama qorannoo kanarratti dhiyaataniiru. Teknoolojiiwwan daarektoreetii qorannoo hundaan gamaggama wixinee qorannoo kana irratti dhiyaatan kunneenis hanga qotee/horsiisee bulaa bira gahanii jiruuf jireenya isaanii jijjiiruu danada’anitti walitti fufiinsaan hojjatamuu akka qaban ibsameera.  Akkasumas, teknoolojiiwwan Mahaandisumaa Qonnaa, Qabeenya Uumamaa, Qabeenya Beeyladaa, Qorannoo Midhaanii, Qorannoo Saayinsii Nyaataa, Babal’isa Teknoolojii  fi Qorannoo Hawaas-dinagdeefi Ekisteenshinii qonnaan teknoolojiiwwan qonnaa hojjatamaa jiran abdii qonna naannoo keenyaa waan ta’aniif xiyyeeffannoo fi kutannoon hojjatamuu akka qaban irrattis mariyatameera.   

Dhumarrattis, Daarektarri Olaanaa IQQO Dr. Fatoo Ismoo ergaa dabarsaniin hojiin qorannoo hojii yeroo fudhatuufi bu’aa barbaadame argachuuf obsa kan barbaachisu waan ta’eef cimnee hojjannee jiruufi jireenya hawaasa naannoo keenyaa jijjiiruu qabna jechuun dhaamaniiru. Dabalataanis, jiruufi jireenya hawaasa horsiisee/qotee bulaa naannoo Oromiyaa jijjiirame jechuun jiruufi jireenyi biyya keenyaas kan jijjiiramu waan ta’eef hojiin qorannoo ciminaan hojjatamuu akka qabus himaniiru.

Gamaggamichis guyyaa Shaniif Guraandhala 25-29/2011tti Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu qabeeyyii Biroo Bishaan keessaa Baatuuttii fi Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti geggeeffamaa ture kallattii gara fuulduraa kaa’uun  milkiin goolabameera.