Sanyiin Gibxoo Mi'aawaa (Sweet lupin) Baay'ataa Jira

Sanyiin Gibxoo Mi'aawaa (Sweet lupin) Baay'ataa Jira ********************* Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Beeddelleen sanyiin Gibxoo mi'aawaa baay'ifamaa jira. Gibxoo mi'aawaan (walala variety) kunis dhangaggaa'ummaa biyyee kan dandamatu, akkasumas; fayyummaa biyyeef baay'ee murteessaadha. Gibxoo mi'aawaan faayidaa garagaraaf kan oolu yoo ta'u; nyaata Pirootiniin badhaadhe Shiroo, Daabboo, Keekii, Shuummoo, akaawwii fi kkf hojjachuun nyaachuun ni danda'ama. Dabalataanis omisha Ataraa bakka bu'uun lafa dhangaggaa'ummaa biyyeen miidhame dandamachuun omisha kan kennudha. 

Giddugaleessi Qorannoo Qurxummii fi Lubbu-qabeeyyii Bishaan Keessaa Biroo Baatuu Piroojektii Bishaan Godina Boorana keessatti Hojjetaman Irratti Qorannoo Geggeessaa jira

Giddugaleessi Qorannoo Qurxummii fi Lubbu-qabeeyyii Bishaan Keessaa Biroo Baatuu Piroojektii Bishaan Godina Boorana keessatti Hojjetaman Irratti Qorannoo Geggeessaa jira

*******************************

Sanyiin Filatamaa Aatoo Boonsituu(Soybean) Baay'ifamaa Jira

Sanyiin Filatamaa Aatoo Boonsituu(Soybean) Baay'ifamaa Jira

*****************

Inisheetiiviiwwan karoorfamanii hojjatamaa jiran keessaa tokko kan ta'e Aatoo Boonsituu Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Beeddelleen baay'ifamaa jira. Haaluma kanaan Sanyiiwwan qilleensa naannoo fi biyyee isaa waliin madaqan keessaa kanneen akka Dhidheessaa, Clark 63, Chari oomisha guddaa waan kennaniif sanyiin bu'uuraa isaanii yeroo ammaa kana lafa hektaara 12 ol irratti Giddugaleessichaan baay'ifamaa jira.

Omishaa fi Omishtummaa Qonnaa Dachaan Dabaluuf Qorannoon Qonnaa Geggeeffamaa jiru Abdachiisaadha

Omishaa fi Omishtummaa Qonnaa Dachaan Dabaluuf Qorannoon Qonnaa Geggeeffamaa jiru Abdachiisaadha

************

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa omishaafi omishtummaa qonnaa dachaan dabaluuf qorannoo geggeessaa jiruun milkaa'aa jira.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Dhangaggaa’ummaa Biyyoo Fooyyessuuf Dhaabbata Idil-Addunyaa ‘DBFZ’ Waliin Hojii Eegale

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Dhangaggaa’ummaa Biyyoo Fooyyessuuf Dhaabbata Idil-Addunyaa ‘DBFZ’ Waliin Hojii Eegale
Qorattoonni xaa’umma biyyoo biyya Jarman dhaabbata ‘DBFZ’ irraa dhufan qorattoota giddu-galeessota qorannoo biyyee Baatuu, Naqamtee, Fiichee, Beddellee, akkasumas; Yuunivarsitii Jimmaa irraa walitti dhufaniif leenjii xaa’ummaa biyyoo fooyyessuufi teknoolojii dhangaggaa’ummaa biyyee hir’isu ‘Biochar’ fi itti fayyadama meeshalee laaboratoorii biyyoo irratti leenjiin kennamaa jira.

Oduu Simbirtuu

Oduu Simbirtuu

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Sanyiilee Midhaan Filatamaa Gosa adda addaa Gadi Lakkise

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa teknoolojiiwwan qorannoon mirkanaa’an heddu baasuun qotee/horsiisee bulaa naannoo keenyaa biraan gahaa turuun isaa ni beekama.

Haaluma kanaan bara kanas sanyiilee midhaan gosa adda addaa 18 kanneen callaa olaanaa qabanii fi dhukkuba dandamatan gadi lakkiseera. Sanyiiwwan kunneenis Koree Mirkaneessa

Sanyii Filatamaa Biyyoolessaan gamaggamamuun ulaagaa kanneen guutaniidha.

Looret Piroofeesar Gabbisaa Ejjataa Hoggansa Olaanaa IQQO Waliiin Mari'atan

Looret Piroofeesar Gabbisaa Ejjataa Hoggansa Olaanaa IQQO Waliiin Mari'atan

**********

Looreet Piroofesar Gabbisaa Ejjataa dhimma qonna naannoo keenyaa cimsuufi qorannoon deeggaruu irratti hoggantoota olaanoo Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa

waliin marii geggeessaniiru.Marii geggeeffameenis utubaa dinagdee biyyaa fi naannoo kan ta'e qonni yoo qorannoon deeggarame jiruufi jireenya hawaasa qotee/horsiisee bulaa

naannoo keenyaa jijjiiruuf qooda olaanaa kan qabu waan ta'eef deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

.

Piroojektiin Sagantaa Cimsa Sirna Nyaataa 'FSRP' Jalqabsiifame

*************

Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti piroojektiin Sagantaa Cimsa Sirna Nyaataa bakka hoggantootniifi qooda fudhattootni argamanitti Waxabajjii 5/2015 Adaamaatti jalqabsiifameera.

 

Sagantaa kanarrattis muuxannoon sagantaa guddina qonnaa (AGP-II) hirmaattotaaf dhiyaachuun hojiin gaariin ture kan itti fufuufi hanqinoonni mul'atan akka sirraa'aniif kallattiin taa'eera.

 

.

 

 

Sanadni Waliigaltee Hojii Mallattaa'e

****************

Inistiitiyutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Yunivarsiitii Haramaayaa waliin faalama nyaataatiif sababa kan ta’e 'Aflatoxin' ittisuu irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu waliigaltee hojii qorannoo Caamsaa 18/2015 mallatteesseera.