Woorkishooppiin gamaggama caasaa ijaarsa ‘design’ jallisii AGP-IIn deeggaramuun giddugaleessota qorannoo qonna Oromiyaa keessatti ijaaramaa jiru irratti waraqaaleen qorannoo adda addaa dhiyaachuun irratti mariyatameera. Gamaggama woorkishooppii kanarrattis kutaawwan adda addaa jalatti qoodamuun mata dureewwan qorannoo adda addaa dhiyaataniiru. Isaanis, kutaa injinariingii, ji’oolojii, haayidiroolojii, sakatta’aa/survey, agiroonomitti qoodamuun waraqaaleen qorannoo giddugaleessotaan dhiyaateera.   

Walumaagalatti, woorkishooppichi guyyaa tokkoof kan geggeeffame yoo ta’u; qaamonni adda addaa dhimmi kun ilallatu 60 ol ta’an irratti hirmaataniiru.