
Qamadiin Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Machaaraatiin Omishame Haala Abdachiisaarra Jira.
Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Machaaraatiin qamadiin jallisiin godina Harargee Lixaa aanaa Daaroo Labuu
bakka Laga Dhungataa jedhamutti lafa heektara soddoma (30) irratti omishamaa ture haala abdaachisaaraa jiraachuu
giddugalichi beeksiseera. Hojiin kunis carraaqqii giddugaleessichaatiin milkaa’uu danda’eera.
Haaluma kanaan yaaliiwwan qorannoo (2) qamadii Daabboo, Paastaa fi Makoroniis geggeeffamaa jira.