Omishni qamadii waqtii bonaa jallisiin Naannoo Oromiyaa keessatti kilaastaraan omishamaa ture bakka hoggantootni Naannoofi Federaalaa argamanitti Guraandhala 15/2012 daawwatame.
Omishni qamadii Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti omishamaa ture keessaa kan Godina Arsii Aanaa Jajuu gandoota Huroota Dooree fi Huroota Alaagaa lafa heektara 700 irratti omishame daawwatameera.
Kan aanaa kanaa qofti haa daawwatamu malee omisha bonaa bara kanaatiin Godinaalee Oromiyaa afur keessatti lafa heektara 3672 omishuun danda’ameera.
Hojiileen omisha qamadii kunis deeggarsaa ogummaafi teeknikaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa kennaa turaniifi jiraniin sadarkaa amma gahame kanarra gahamuun danda’ameera. Keessumattuu milkaa’ina hojii kanaaf qorattootnii fi qaamoleen deeggarsa taasisaa turan galanni isaanii daraan olaanaadha.
Dabalataanis, daarektaroonni qorannoo Midhaanii, Eegumsa Midhaanii fi Daarektarri Qorannoo Baay’isa Teknoolojii milkaa’ina hojii kanaaf gumaacha taasisaniif galata qabu. 
Dhumarrattis, daawwannaa kanarratti argamanii haasaa kan taasisan Ministeerri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen akka jedhanitti qamadii doolara hedduu itti dhangalaafnee biyya hambaatii gara biyya keenyaatti galchinu haala omisha keenyaa jijjiirree bonaafi ganna yoo omishne yeroo gabaabaa keessatti qamadii alaa galchinu hambisuu bira taree gara biyya alattillee erguun galii irraa argachuu kan dandeenyu ta’uu ibsaniiru. 
 Walumaagalattis, daawwannaan adeemsifamaa tures marii paanaaliitiin goolabamuu danda’eera.