Ofkennanii hojjechuun omisha ofii dabala

Some of our researchers in research field
IQQO Meeting Hall
Fishery research
We do for maximizing productivity
IQQO HQ Complex
Our research empowers women
Researcher at field

Ofkennanii hojjechuun omisha ofii dabala
Takkaalliny Gabayyootiin

Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa (IQQO) erga bara 1993tti hundeeffamee kaasee misooma qonnaarratti qorannoowwan addaddaa adeemsisuun hojiilee bal’aa
hojjechuurratti argama.
Kanaanis keessumaa jireenya qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota Oromoo fooyyessuun bu’aalee boonsaa galmeessisuu danda’eera.

Inistitiyuutichi sadarkaa Oromiyaatti giddugalawwan 17 kan qabu yoo ta’u, isaanis Giddugala Qorannoo Qonnaa Baakkoo (maandisummaa qonnaafi makaanaayizeshinii)
Holotaa, Baatuu (kan qurxummii, kuduraafi fuduraa), Fiichee, Haroo Sibuu, Asallaa, Jimmaa, Yaa’a Bal’oo, Booree (Gujii), Machaaraa, Fadis, Sinaanaa, Adaamii Tulluu,
Naqamteefi Baddallee jedhamuun beekamu.

Giddugalawwan kunneen caalaatti dhimmoota danuurratti xiyyeeffachuun qorannoo saayinsawaan deggaramanii hojjechaa kan jiran yoo ta’u,
kunis teknolojiitti fayyadamuun sanyii filatamaa midhaanotaa baay’isuu, beeylada horsiisuu, qabeenya uumamaa kunuunsuufi eegumsa gochuudha.
Giddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis Magaalaa Hararitti argamus aanaalee Harargee Bahaafi Lixaa keessatti buufataalee qorannoo addaddaa kan qabu yoo ta’u,
kanaanis qonnaan bultoota hedduu deggaruun omisha midhaansaanii yeroodhaa yerootti akka dabalan taasiseera.
Buufatni Qorannoo Qonnaa Ereraa aanaa Baabbilees buufataalee giddugalichaa keessaa tokko yoo ta’u, sanyiiwwan midhaanii garagaraarratti qorannoo adeemsisuun
qonnaan bultoota Harargee Bahaaf wabii ta’aa jira.

Keessumaa sanyii filatamaa baay’isuufi raabsuun, akkasumas sanyiiwwan midhaanii kanneen akka saalixii, boqqolloo, boloqqeefi bishingaa iddoo biraatii fidee jireenyi
qonnaan bulaa akka fooyya’u taasisuurratti argama.
Obbo Mahaammad Eeraan (Deeqoon-maqaa masoo) jiraataa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbilee ganda Ereraa buufata qorannichaa waliin hojjechaa waan jiraniif bu’aa gaarii
jireenya dhuunfaafi maatiisaanii jijjiiru galmeessisuusaanii dubbatu.
Hundarra ammoo mala saayinsawaatiin akkaataa omishoota midhaanii kanneen akka bishingaa, saalixiifi boqqolloo haala omishuun danda’amurratti muuxannoo gahaa horadheera jedhu.
Giddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis karaa buufata qorannoo qonnaa Ereraa sanyiiwwan midhaanii qorannootiin argame sakatta’uun deggarsaan waan isaaniif kennaa turaniif haalaan irraa
fayyadamuu danda’uus ni dubbatu.
Kaffaltii tokko malee sanyiiwwan filatamaa bu’aansaanii mirkanaa’e qonnaan bultoota addadureef kan kennan waan ta’eef caalaatti cimanii akka hojjetaniif isaan onnachiisuu himu.
Isaanis haala ittifufiinsa qabuun ogeessota qonnaa giddugalichaa waliin kan hojjetan yoo ta’u, qonnaan bultootni ganda Ereraas akka fayyadamaniif isaan jajjabeessaa tureera jedhu.
Kanaanis omishaafi omishtummaansaanii yeroodhaa yerootti guddachaa dhufuun barana lafa qonnaa hektaara sadi qabanirraa midhaan kuntaala 150 ol argachuuf eeggachaa jiraachuu dubbatu.
Giddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis Magaalaa Hararitti argamu yeroo dheeraaf qonnaan bultoota Harargee Bahaa deggaraa waan jiruuf jiruufi jireenya qonnaan bultootaarratti jijjiirama guddaa fideera.
Obbo Mohaammadis kanuma ragaa bahu. Fakkeenyaan yoo kaasanis, “Kanaan dura sanyii midhaan filatamaa hintaane karuma dur barameen facaasaa turre. Erga guddugalichi buufata qorannoosaa ganda
Ereraatti jalqabee kaasee garuu sanyii filatamaa bilisaan fudhachuun rooba xiqqootti fayyadamee hojjechaan jira; bu’aasaas dhandhamuu danda’eera; jireenya tiyyas haalaan fooyyeffachaan jira” jedhu.
Qonnaan bultootni gandichaa gariin akka Obbo Mohaammad kutannoofi ofkennanii hojjechaa waan hinjirreef jireenyasaanii mo’achuurratti kan rakkachaa jiranis ni jiru.
Kanaan dura sanyii filatamaatti fayyadamaa waan hinturreef hektaara tokkorraa hanga kuntaala shanii argachuun rakkisaa ture kan jedhan Obbo Mohaammad, erga ogeessotni qonnaa giddugalichaa
deggarsa taasisuu eegalanii garuu omisha callaasaanii daran fooyyeffachuu dubbatu.
Kanaanis lafa hektaara sadi qabanirraa midhaan kuntaala 150 argachuuf hojjechaa kan jiran yoo ta’u, kunis hektaara tokkotti midhaan kuntaala shantama ta’uusaati.
Kanaan dura garuu hektaara tokkotti midhaan kuntaala shan argachuuf ulfaataa yoo ta’u, ciminaafi kutannoo qabaniin omishasaaniirratti garaagarummaa guddaa fidaniiru. Kunimmoo qonnaan bultoota
Harargee Bahaafis fakkeenyummaan akka eeraman kan isaan taasise ta’uusaati jechuudha.

Erga giddugalichi ganda Ereraa keessatti hojii misooma qonnaa eegalee waggoota kudhan ta’eera kan jedhan Obbo Mohaammad, sanyii filatamaa dhiyeessuutiin fayyadamummaa qonnaan bultootaa
mirkaneessuurratti argama.
Isaanis jalqabumaa kaasee waliin hojjechaa waan turaniif, jiruufi jireenya maatiisaanii daran jijjiiruu danda’eera jedhu. Kaappitaalli isaaniis walumaan kan guddate yoo ta’u, maallaqa
argameenis mana jireenyaa kan duraaniirraa fooyya’aa ta’e ijaarrachuutiin jireenya gammachuu jiraachaa akka jiran himu.

Bara darbe omisha bishingaa kuntaala 36 irraa qarshii kuma 45 ol argachuus kaasanii, barana ammoo omishni midhaanii dachaa lamaan dabaleera.

Kanaaf kan bara darbeerra baasiirraa hafaa galii maallaqaa qarshii kuma 200 argachuuf hojjechaa akka jiran ibsu. Kunis lafa hektaara saditti midhaan kuntaala 150 kan argachiisu ta’uusaati.
Roobni gahaas kan bara darbeerraa argamaa waan tureef akkasumas sanyii filatamaan barana ittifayyadaman haaraa waan ta’eef callaa guddaa kan argamsiisu ta’uu eeru.

Haalli qilleensaa Harargee akkuma waliigalaatti yoo ilaalamu gammoojjii waan ta’eef, akka salphaatti misooma qonnaatiif mijataa miti. Kutannoo olaanaafi ofkennanii hojjechuu kan gaafatuudha.

Isaanis namoota muraasa murannoodhaan hojjetan waan ta’eef haala qilleensa ho’aaf osoo harka hinkennatiin omisha midhaansaanii dabaluurratti argamu. Ofiifi maatiirra darbaniis namoota birootiif
gargaarsa gochaa akka jiran dubbisaaniirraa hubachuun ni danda’ama.
Obbo Mohaammad Eeraan ganduma Ereraatti dhalatanii kan guddatan yoo ta’u, yeroo ammaa ijoollee saddeet horataniiru. Maatiinsaanii mala qonnaa aadaatiin fayyadamuun jireenyasaanii
gaggeeffachaa turuu yaadatu.

Dimshaashumatti, Obbo Mohaammad Eeraan qonnaan bultoota Harargee Bahaa addarummaan eeraman keessaa tokko yoo ta’an, mala saayinsawaafi teknoloojiitti fayyadamuutiin omisha
midhaansaanii dabaluu danda’aniiru.

Jireenya ofiifi maatiisaanii kan duraaniirraa daran fooyyeffachuu isaaniis hubachuun danda’ameera. Kaanis akkumasaanii hojjetnaan jireenya ofii bu’uurarraa jijjiiruun kan danda’amu ta’uu beekuun
barbaachisaadha jenna.