Ministeera Muummichaa Dr. Abiyyii Ahimad erga gara aangootti dhufanii ji’oota sadan darbanitti hojii boonsaa hojjatan  galateeffachuu fi deeggaruuf uummatni Itiyoophiyaa hiriira deeggarsaa waxabajjii 16/2010 Waltajjii Masqalaatti taasifame irratti shororkeessitootni boombii dhukaasuun uummata nagaa irratti balaa qaqqabeen  Manaajimantii fi Hojjattootni Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti gaddi guddaan itti dhagahameera.

Diinotnii fi shororkeessitootni yoomiyyuu jijjiirama keenya akka hin barbaanne kan hubannu ta’us; qaanqee dimokiraasii fi bilisummaa amma jalqabamee argaa jirru kana fashaleessuuf sochii taasifamu kamiyyuu IQQOn ciminaan kan balaaleffatu ta’uu ibsa.

Gara fuulduraas Ministeera Muummee Dr. Abiyyii cinaa hiriirree olaantuummaa seeraa, dagaagina dimokiraasii fi qaanqee bilisummaa eegalame galmaan gahuuf waan nurraa barbaadamu hundaa gumaachuuf gara kuteenyaan kan hojjannu ta’u isaa ni beeksifna.

Daandiin bilisummaa fi qaanqeen dimokiraasii calaqqisuu egalamee shororkeessitootaan  hin fashalaa’u.

Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa