Akka Godina Baaleetti sanyii fooyya’aa Bunaa kanaan duraa waan hin jirreef sanyii ka’umsaa baasuuf Giddugaleessa Qorannoo Qonna Machaaraa waliin aanaa Harannaa Bulluqi fi Aanaa Dallaa Mannaatti Buna  irratti qorannoo geggeessaa jiru. Sanyiileen Bunaa kunis godinichaa keessaa  sanyii adda addaa walitti funaanuun haala qilleensa naannoo sanaan kan wal simu fi dhukkuba kan dandamatu buufata qorannoo lamatti sanyii Bunaa fooyya’aa kan ta’e qorannoon filachaa kan jiran ta’uusaa hubachuun danda’ameera.

 Sanyii Bunaa buufata qorannoo kanneen keessatti argines sanyii buna kan duraan wal bira qabatamee yemmuu ilaalamu sanyiin filatamaa kun yeroo gabaabaa keessaattii kan omishaaf gahu fi dhukkuba kan dandamatu ta’u isaa abdii guddaa agrsisaa jira.