Giddugaleessa Qorannoo Qonna Sinaanaatiin kan qophaa’e guyyaan daawwannaa dirree aanaa Gooroo oyruu qonnaan bultoota waldaan gurmaa’anii sanyii qamadii Daabboo Ogolchoo jedhamu baay’isan daawwatame. Kunis deeggarsa Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Sinaanaatiin qonnaan bultoota waldaan ijaaramanii sanyii baay’isaniif leenjiifi hordoffii barbaachisu taasisuun qonnaan bultoota biroofillee sanyii filatamaa akka dhiyeessaniif deeggarsi taasifamaafii kan jiru ta’uu qonnaan bultootni waldaa Wittee ibsaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun oyruun qonnaan bultoota ganda Salqaa waldaa Saaqoo Jaafaraa jedhamuun gurmaa’anii sanyii qamadii Daabboo fi Paastaa baay’isuun qotee bulaaf dhiyeessanis daawwatameera.

Dhumarrattis, Giddugaleessa Qorannoo Qonna Sinaanaatti hojiileen qorannoo adeemsifamaa jiran daawwatamaniiru. Daawwannaa kanarrattis keessummoonnii, miidiyaalee biyya keessaa fi qaamoleen adda addaa dhimmi ilaallatu irratti argamaniiru.