Giddugaleessi qorannoo qonna Baakkoo giddugaleessota Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaan bulan keessaa isa tokko. Giddugaleessi kun hundeeffama isaarraa kaasee hanga har’aatti teknoolojiiwwan adda addaa baasuufi madaksuun akka Lixa Oromiyaatti jiruufi jireenya hawaasa hedduu jijjiiraa tureera. Haaluma kanaan har’as hojiilee qorannoo hojjataa tureen teknolojiiwwan bahanii qonnaan bulaa bira gahan oyruu qonnaan bulaafi buufata qorannoo irratti daawwatamanii jiru. Daawwanaan taasifameen guyyaa jalqabaaf buufataalee adda addaa giddugaleessichatti argaman keessatti teknoolojiiwwan baay’ifamaa jiran kanneen akka horsiisa lukkuu, nyaata beeyladaa, qonna bosonaa, midhaan agadaafi biilaa, midhaan dheedhiifi dibataa, garee midhaan kuduraafi muduraa fi kkf buufataalee giddugaleessichaatti daawwatamanii kan oolan yoo ta’u; guyyaa 2ffaa immoo oyruu qonnaan bulaa irraatti daawwatamee ooleera.

 

Daawwannaa kanaanis teknoolojii ruuzii, muuzii fi daagussaa oyruu qonnaan bulaa irratti daawwatamaniiru. Dabalataanis, teknoolojiiwwan kunneen irraa qonnaan bultootni fayyadamoo kan ta’aa jiraniifi midhaan nyaataan akka of danda’an taasisuu keessattillee shoora olaanaa kan gumaachaa jirudha.

Teknoolojiiwwan bahan kunniin godina Buunnoo Baddalleetti kan argamu aanaan Cawwaaqaa fayyadamaa teknolojii ruuzii fi muuzaa yoo ta’u; waggoota muraasaan dura qonnaan bultoota sababa hongeetiin miidhamanii godina Harargee irraa dhufanii naannoo Cawwaaqaa qubataniin teknoolojiin ruuzii babal’isanii jiruufi jireenya isaanii kan ittiin jijjiiraa jiraniifi keessumattuu omisha ruuzii akka biyya keenyaatti kan beekamee hin turre yeroo har’aa kana garuu teknoolojii giddugaleessaa baakkootii baheen omishni ruuziitiin biyya keenyaaf fakkeenyaa gaarii ta’uufi omishni kun duraan beekamee kan hin turre amma garuu omishanii midhaan nyaataan of danda’uu bira darbanii gabaafillee sadarkaa itti dhiyeessuu danda’an bira kan gahan ta’uusaa qaamolee olaanoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa walitti bobba’aniin daawwatameera. Daawwannaa kanarratti kan argaman keessummoonni adda addaa yaada kennaniinis hojiileen giddugaleessa kanaan hojjatamaa jiru abdachiisaafi bu’a qabeessa waan ta’eef jabaatee itti fufuu qaba jedhaniiru. Hanqinaaleen gama bajataatiin giddugaleessicha mudatuuf atattamaan qaamni dhimmi ilaaluufi oggantootni Inistiitiyuutichaa gumaacha isaanii bahuu akka qabanis dhaamaniiru. Dhumarrattis, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa kan ta’an Fatoo Ismoo (Dr) qaama dhimmi ilaalu waliin waan giddugaleessichaaf barbaachisu akka guutamuufi qabuufi hojiin qorannoo giddugaleessichaa akka hin gufanne gochuuf cimanii kan hojjatan ta’uu dhaamaniiru.