Hojjattoota Instiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Lamilee keenya Naannoo Somalee fi Naannoo Oromiyaa daangaa Somaaleetti argaman Oromummaa isaanitiin qofa haala sukkaneessaa ta’een buqqa’aniif gargaarsa Midhaan nyaataa arjoomniiru.

Maanajimantii fi Hojjatootini Inistiitiyuutichaa waliin ta’uun Giddugaleesoota Qorannoo irraa midhaan nyaataa kuntaala 298 walitti qabuun akkasumas qarshii 17,000 ol ta’u hojjatoota irraa sasabameen zayita nyaata kaartoonii 19 bituun ummata buqa’aniif midhaan wajjiin akka raabsamu kennameera.  

Gargaarsa walitti qabame kana Dr Fatoo Ismoo Daarektara Ol Aanaa Institiiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa irra kan fudhatan Dr Abarraa Dheressaa Walitti qabaa koree Gargaarsaa lamilee buqqa’anii fi Obbo Garramaw Oliqaa  Itti Aanaa Komishinara Komishini Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaati.

Hojjatootni Inistiitiyuuti Qorannoo Qonnaa Oromiyaa kanaan dura gargaarsa lamilee buqqa’aniif mindaa isaanii irraa kutuun qar.236799.52 gali kan taasisan yemmu ta’u amma immo tonboola “Lamitu Lamiif” jedhu 12,500 bituun qar. 250,000 galii taasisuuf hojachaa jiru.