Gamaggamni yaaliiwwan qorannoo guyyaa jahaaf turu geggeeffamuu eegale. Gamaggamichis haasaa baniinsaa Daarektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa kan ta’an Dr.Fatoo Ismootiin kan jalqabame yoo ta’u; gamaggamichis bakkeewwan sadiitti kan adeemsifamu ta’a. 
Haaluma kanaan Daarektarri Qorannoo Qabeenya Uumamaa fi Daarektarri Qorannoo Mahaandisummaa Qonnaa Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti; Daarektarri Qorannoo Beeyladaa fi Daarektarri Qorannoo Hawaas-dinagdee fi Ekisteenshinii Qonnaa Giddugaleessa Qorannoo Qonna Adaamii Tulluutti; Daarektarri Qorannoo Midhaanii fi Daarektarri Qorannoo Saayinsii Nyaataa Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu Qabeeyyii Biroo Bishaan Keessaa Baatuutti hojiilee isaanii gamaggamsiisaa jiru.