Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaattii piroojektoota qorannoo deeggarsa baajata AGP-II tiin raawwatamaa turan qorattootaan gamaggamame. Magaala Adaamaa galma Hoteela Feenetitti gamaggama geggeeffame kana irratti piroojektoota qorannoo 75 fi waraqaa qorannoo barattoota MSc fi PhD 7 gamaggamaaf dhiyaatanii irratti mariyatamaa tureera.

Gamaggama hojiiwwan qorannoo kana irratti Giddugaleessota qorannoo 15 irraa kan dhufan Daarektaroota qorannoo fi qorattoota walumaagalatti hirmaattota 150 ol ta’an hirmaataniiru.

Gamaggama piroojektoota qorannoo kana irratti teknoolojiiwwan horsiisee/qotee bulaa biyyaafi naannoo keenya caalmaatti kan gargaaruu fi omishtummaafi omisha Naannoo keenyaa guddisuu kan danda’an ni bahu  jedhamee yaadama.

Jalqaba sagantaa kanaa irratti Dr. Daanyaachoo Lulee Qindeessaa piroojektii AGP-II gama qorannootiin hojiiwwan hanga ammaatti raawwatamanii fi hojiiwwan hafan akka waliigalaatti sochii piroojektichaa irratti ibsa bal’aa kennaniiru. Ibsuma kana irratti hojiiwwan hafaniif xiyyeeffannaa guddaa kennuun teknoolojiiwwan uummata keenya gargaaru fiduuf hundumtuu gahee isaa bahuu akka qabuuf dhaamsa dabarsaniiru

Waltajjii gamaggama piroojektoota qorannoo kana haasaan baga nagaan dhuftaniin kan jalqabsiisan Dr. Fatoo Ismoo Daarektara olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaati.