Gamaggamni giddugaleessotaan guyyaa sadiif Giddugaleessa Qorannoo Qurxummii fi Lubbu qabeeyyii biroo Bishaan Keessaa Baatuutti geggeeffamaa ture goolabame. Gamaggama kana irrattis raawwiin karooraa kan bara 2010 dhiyaachuun irratti mariyatameera. Marii taasifameenis haalli raawwii fi karooraa haala gaarii irra kan jiruufi hojiileen hojjataman quubsaa ta’us; ammas hojii qorannoorraa wanti baay’een kan eegamu waan ta’eef caalmaatti hojjatamuu akka qabu himameera. Dabalataanis, karoorri bara hojii 2011 dhiyaatee irratti mariyatameera.

Sagantaa kana irratti kan argaman gorsaa qorannoo Daarektara Olaanaa kan ta’an Dr. Abarraa Dheeressaa akka jedhanitti qorataan sa’aatiin daanga’ee kan hojjatu osoo hin taane halkanii guyyaa hojjatee jiruufi jireenya uummata biyya keenyaafi naannoo keenyaa gara jireenya fooyya’aatti ceesisuu akka qabus dhaamaniiru.

Dhumarrattis, marii waliigalaa taasifame irratti kan argaman Ittaanaa Daarektara Olaanaa Dr.Asaffaa Taa’aa kallatti gara fuula duraa kaa’uun sagantichi geggeeffamaa ture milkiin xumurameera.